Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon kuntaalli miiliyoona 2.9 gara biyyaatti galuun ni raabsama-MQ

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Torbanoota lamaan dhufan xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoona 2.9 buufata ga’uun gara biyyaatti akka raabsamu Ministeerrii Qonnaa beeksise.

Ministeerichi hanga Caamsaa 30’tti xaa’oo bitamee kuufame kuntaala miiliyoona 12.87 keessaa kuntaalli miiliyoona 6.25 gara biyyaa kan galfame, biyya keesaatti kuufamee kan ture kuntaala miiliyoona 5.7 qonnaan bultootaaf raabsamuu eereera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa ibsa kennaniin, xaa’oo kuntaala miiliyoona 2.7 mankuusaa waldaalee hojii gamtaa garaagaraatti akka argamuu fi naannwaa waqtiin facaasaa ga’ee hanqinni xaa’oo mudateetti, naannawaa facaasaan hingeenyerraa akka dhiyaatu taasisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hanga Waxabajjii 30, 2015’ttis xaa’oowwan bitaman guutummaatti gara biyyaa akka galfaman ibsaniru.

Haayileyyesuus Siyyumtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.