Fana: At a Speed of Life!

Xannaachi Kiiloogiraama 11 Haadha tokko keessaa baafame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaa Godina Daawuroo Hospitaalaa Waliigalaa Tarcaatti haadha umriin waggaa 65 keessaa xannachi kiiloogiraama 11 ulfaatu tajaajila baqasanii wal’aanuun baafamuu Hospitaalichi beeksise.

Hospitaalichatti Ispeeshaalistiin Ulfaa fi Gadameessaa Dooktar Wandimmaaganyi Siisaay, maanguddoon kun waggoota shaniif hordoffii wal’aansaa taasisaa turuu yaadachiisanii, tajaajila baqaqsanii wal’aanuun xannachichi har’a keessaa baafamuu himan.

Tajaajilli baqasanii wal’aanuu kunis sa’aatii 2:30 kan fudhate ta’uu kaasaniiru.

Maanguddoon tajaajilli baqasanii wal’aanuu taasifameefis yeroo ammaa sadarkaa gaariirratti kan argaman ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.