Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaara “Tsahaay” Mootummaa Xaaliyaaniirraa ifatti deebifachuu keenyaan Itiyoophiyaanota hundi guyyaa itti boonaniidha – MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Har’a guyyaa itti xiyyaara “Tsahaay” Mootummaa Xaaliyaaniirraa ifatti deebifanne waan ta’eef, Itiyoophiyaanoonni hundi guyyaa guddaa itti boonanidha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministira Muummee Xaaliyaanii, Joorjiyaa Meeloonii waggaa guutuudhaaf haala itti xiyyarichi deebi’u mijeessuun waan deeggeraniif guddaan galateeffadha.

“Tsahaay” A.L.A. bara 1935 walta’insa injiinara lammii Jarman kan paayileetii Mootichaa ture, Herr Ludwig Weber jedhamuufi ogeessota Itiyoophiyaa bara sana turaniin xiyyaara yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti hojjetamedha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.