Fana: At a Speed of Life!

Yaada boordiin filannoo dhiyeesse irratti waliigalle – Dooktar Abiy

 

Yaada boordiin filannoo dhiyeesse irratti waliigalle – Dooktar Abiy

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Yaada guyyaa filannoon itti gaggeeffamu Boordiin filannoo biyyaalessaa dhiyeesse irratti waliigalle jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad filannoon marsaa 6ffaa Caamsaa 30 gaggeeffamuuf ture yaada yaadheeratu jedhu irratti marii har’a gaggeffameen irratti walii galu ibsan.

Anga’oota Naannoolee fi walitti qabdu boordii biyyaalessaa waliin marii gaggeeffameen , akka mootummaatti sagantaa duraatiin itti fufuuf feedhi fi qophii qabaannuus yaada guyyaan filannoon itti gaggeeffamu yeroo gabaabaadhaaf yaa dheeratu jechun Boordiin filannoo biyyaalessaa dhiyeesse irratti waliigalle jirra jedhan Dooktar Abiy.

Filannoo torbanoota muraasa booda gaggeeffamu fi namoonni heddun filachuuf galmaa’an kana akka milkaa’u ejjannoon kanaan dura motummaan boordiichaaf tumsa taasisaa ture cimse itti fufaa jedhan.

Aadaan filannoon bilisaa fi diimookraatawa gaggeessun waan hin baratamneef adeemsa qophii keessatti gufuuwwan ni jiraatu,ta’us filannoo kanaan duraa irraa fooyya’aa akka ta’u waan dandeenyu hunda gochuun filannoowwan kanaan boda gaggeeffamaniif bu’ura akka keenyu ummata Itoophiyaa maraaf ni mirkaneesinaa jechuun toora feesbuukii isaani irratti barreessan .

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.