Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Idilee Gamtaa Barattootaa Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii Maqaleetti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016(FBC)- Yaa’iin idilee 43ffaan Gamtaa Barattootaa Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii Maqaleetti gaggeeffameera.
Yaa’ichis mata duree “Gurmaa’ina barattootaa cimaa Itiyoophiyaa fooyyofteef” jedhuun gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Hojii Raawwachiisaa Dursaa Dhimmoota Bulchiinsaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Ministeera Barnootaa Dooktar Solomoon Abrahaan, lammiilee adeemsa birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti gahee bahatan horachuuf tattaaffii yuunivarsiitiiwwan taasisan akka milkaa’uuf hirmaannaan gamtaa barattootaa murteessaa ta’uun ibsan.

Hirmaannaan jiru akka dabaluu fi bu’aa qabeessa akka ta’uuf deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaan akka taasifamu akeekaniiru.

Gamtichis Yuunivarsiititti turtiin baratootaa mijataa akka ta’uuf mirgi barattootaa akka eegamu fi dirqama isaanii akka bahatan ministeerichaa fi hoggansa yuunivarsiitii waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Barattootaa Itiyoophiyaa Mikaa’eel Yaabboonash, yuunivarsiitiiwwanitti hokkarri mudataa ture dhabamuun adeemsi baruu fi barsiisuu tasgabbaa’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.

Hoggansa gamtichaan dhabbilee keessatti hojiileen hojjetaman bal’aa ta’uu ibsanii, barattoonnis lammiilee hongeen miidhaman tumsuuf gumaacha akka taasisan hojii qindeessu gaggeessuu dubbataniiru.

Pireezidaantota gamtichaa kanneen turaniif Ministeerri Barnootaa waraqaa ragaa kennamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.