Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idilee waliigalaa 13ffaa Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- Yaa’iin idilee waliigalaa 13ffaa Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira .

Bakka Buutonni Dhaabbilee amantaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa ministeerri nageenyaa fi qaamoleen nagaarratti hojjetan Yaa’iicharrattii hirmaachaa jiru.

Dhaabbileen amantaa wayita rakkooleen garagaraa biyyatti mudatan kadhannaa labsuun hojjechaa turuu isaanii Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kaamil galteeffataniiru.

Abbootiin amantaa mallattoo nageenyaa waan taataniif, akkuma kanaan duraatti obsaan nagaa fi tokkummaa biyyaa irratti kadhaachuu qabduus dhaamaniiru.

Abbootiin amantaa dhimma nageenya biyyaarratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Walitti qaban boordii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Gorgooriyoos biyyaa keenyatti walitti bu’insii jiru karaa nagaan hiikamee biyyatitti nagaan waaraa buusuuf Dhaabbileen Amantaa Ityoophiyaa cimnee hojjechuu qabna jedhan.

Yaa’ii kanarratti raawwiin hojii bara 2013 fi karoorri 2014 dhiyaatee irratti ni mari’atama jedhameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.