Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Qabeenya Diinagdee Afrikaa bakka Pireezidaanti Saahilawarqi argamanitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Yaa’iin Qabeenya Diinagdee Afrikaa bakka Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Qorattoonni, Dhaabbileen Misoomaa dhuunfaa, Imaammata damichaa qopheessitoonnii fi hoggantoonni olaanoon guutuu addunyaarraa walitti babba’an yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Damee Indaastirii Faayinaansiin deeggaruu, barbaachisummaa daldala bilisaa Afrikaa fi Indaastirii sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e uumuun haala danda’amurratti mari’atama jedhame.

Yaa’iin kun guyyoota lamaaf kan turu ta’uu EBCn gabaasera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.