Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Saayinsawaa Idil Addunyaa IGAD 2ffaa Finfinneetti gaggeeffama jira

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) –Yaa’iin Saayinsawaa Idil Addunyaa Mootummoota Misooma Baha Afrikaa /IGAD/ 2ffaa Finfinneetti gaggeeffama jira.
Mata duree ‘sochii namootaa waqtii weerara covid-19’ jedhun kan gaggeeffamu yaa’iin saayinsawaa idil addunyaa xiyyeeffannoon isaa baqattootaa fi buqqaatota irratti ta’uu ibsameera.
Bareessaa Olaanaa IGAD Dooktar Warqinaah Gabayyaaw yaa’icharratti haasaa taasisaniin weerarri vaayrasii koroonaa naannicharratti dhiibbaa hawaasummaa fi diinagdee uumeera.
Keessumattuu baqattootaa fi buqqaatoota irratti dhibbaa olaanaa uumuu eeraniiru.
Yaa’icharratti qorattoota, hayyoota, qooda fudhattootaafi hooggantoonni biyyoota IGAD kan hirmaatan yoo ta’u; qaamolee Covid-19 saaxilamoo ta’an, bararuuf hunduu gahee isaa bahuu akka qabu ibsameera.
Yaa’iichi guyyaa 3f kan turu yoo ta’u, barreeffamni qorannoo 28 ni dhiyaatu jedhameet eegama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.