Fana: At a Speed of Life!

Yeroon galmee filattootaa torbee lamaaf dheerachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) -Yeroon galmee filattootaa torbee lamaaf dheerachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa galmee filattootaa ilaalchisee ibsa laateera.

Haala gabatee yeroon galmeen filattootaa guyyaa har’aa ni xummurama ture.

Hanga guyyaa kaleessaatti walii gala filattoonni miiliyoonni 18 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 27 fi 239 kaardii filannoo fudhachuu boordichi ibsa baaseen eereera.

Naannoo Afaarii fi Somaaleetti galmeen filattootaa daraan duubbatti hafee eegaluu isaan torbee sadiif akkka dheeratu murtaa’uu ibsameera.

Waliigala kutaalee biyyattiitti adeemsa galmee filattootaa sababoota garaagaraan harkifachuu isaan torbee lamaaf dheerachuun Eebila 29, 2013 akka xummuramu murtaa’uu ibsameera.

Godinaalee sababa rakkooleen nageenyaa galmeen filattootaa keessatti hin galamne godina Wallagga Bahaa, Lixaa, Horroo Guduruu fi Qellem Wallaggatti eegalchiisuuf sosochiin taasiifamaa jiraachuu boordichi beeksiiseera.

Hojii galmee filattootaa jajjabeessuuf paartileen Siyaasaa, miidiyaalee fi waldaaleen Siiviikii tattaaffii taasiisa cimsuu akka qaban Booordiin Filannoo Biyyaalessaa hubachiisuu ragaan boordicharraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.