Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Salaalee Sirna Gadaa Oromoo Salaalee deebisee dhaabuuf hojjachaa jira

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Yuunivarsiitiin Salaalee Sirna Gadaa Oromoo Salaalee deebisee dhaabuuf hojjachaa jira.
Yuunivarsiitiin Salaalee mata duree ‘Haaromsa Gadaa Salaalee’ jedhuun seeminaara guyyaa lamaa qopheesse adeemsisaa jira.
Seeminaarichi Abbootii Gadaa Oromoo Salaalee, Haadholii Siinqee, ogeessota waajjiraalee Aadaa fi Tuuriiziimii, barsiisota yuunivarsiitii fi keessummoota affeeraman kan hirmaachise yommuu ta’u, eebba abbootii Gadaatiin eegalame.
Seeminaaricha irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Itti Aanaa Preezdaantii Bulchiinsaa fi Dhimma Barattootaa Yuunivarsiitii Salaalee obbo Addunyaa Mokonnin Yuunivarsiitiin Salaalee beekumsa hawaasaa fi dhuudhaalee hawaasaa sababoota addaa addaatiin laafa jiran jabeessuuf ciminaan hojjachaa jiraachuu Ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.