Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitii Ambootti Kaampaasiin Walisoo barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 935 eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitii Ambootti Kaampaasiin Walisoo marsaa 10ffaaf barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 935 eebbisiiseera.

Sagantaa idilee fi barnoota fagoon barattoota digirii 2ffaan barsiisaa ture 935 bakka hoggantoonni Mootummaa fi Hayyoonni dhaabbilee barnoota Olaanoo argamanitti eebbisiiseera.

Kaampaasichi giddu galawwan qorannoo adda addaa banee hojachaa jiraachuu fi gara fuulduraas cimsee kan itti fufu ta’uu Yuunvarsiitii Ambootti Daayreekterri Kaampaasii Walisoo Dooktar Makonniin Barsiisaa ibsaniiru.

Barattoonni ogummaa barataniin hawaasa isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.