Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Arsii fi barattoonni Yuunvarsiitii Dabrabiraan duraanii lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Arsii fi barattoonni Yuunvarsiitii Dabrabiraan duraanii lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisaniiru.

Yuunvarsiitiin Arsii maatii duultota waraanaaf deeggarsa xaafii kuntaala 90 taasiseera.

Deeggarsi Maatii duultotaaf taasifamu cimee itti fufuu akka qabu Itti aanaan  Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaloo Abdii sirna wal harkaa fuudhiinsa deeggarsichaan ibsaniiru.

Deeggarsi taasifame tumsaa fi isiniif jirra jechuu agarsiisuuf kan taasifame ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa kaasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Yuunvarsiitii Dabrabiran duraanii lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2tti tilmaamamu taasisaniiru.

Saamiraawwit Yasigaatii fi Eermiyaas Boggaalaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.