Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu sagantaalee barnootaa 18’n digrii 2ffaa fi 3ffaan kennuuf qophii xumuruu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu muummeewwan  garaagaraa jalatti sagantaalee barnootaa 18 digrii 2ffaa fi 3ffaan kennuuf banuu ibsameera.

Yuunvarsiitichi sagantaalee barnootaa kanneeniin barattoota 778 simatee barsiisuuf galmeerra jiraachuu Itti aanaan Preezdaantii Yuunvarsiitichaa Gargaaraa Proofeesaraa Dooktar Bazzaabbii Wandimmuu ibsaniiru.

Sagantaalee barnootaa banaman kanneen keessaa 4 digrii 3ffaan ta’uu ibsameera.

Sagantaaleen barnoota Fayyaa, Qonna, kunuunsaa naannoo fi eegumsa qabeenya uumamaa, Akaawuntiingii fi Faayinaansii, Seenaa fi qorannoo hambaa kanneen banaman keessatti warreen haammatamanidha.

Bu’a qabeessummaa fi itti fufiinsa dameewwan barnootaa kanneen ilaalchisee yuunvarsiitichi hayyoota alaa affeeramaniin gamaggamsiisuu isaa ibsameera.

Yuunvarsiitichi hundeeffama isaa irraa eegalee dameewwan haaraa banaman osoo hin dabalatiin sagantaalee barnootaa 46n digrii jalqabaa fi 39 ammoo digrii 2ffaa fi 3ffaan barsiisaa turuu ibsameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.