Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa qooddannaa soorataa baatii 4f turu har’a eegalchiisera

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa qooddannaa soorataa baatii 4f turu har’a eegalchiisera.
 
Qooddannaan nyaataa kun namoota harka qalleeyyii deeggaruuf kan kaayyeffatedha.
 
Sagantaa kanaan abbootiin warraa 200 hammatamaniiru.
 
Itti aanaan preezdaantii bulchiinsaa fi tajaajila barattootaa yuunvarsiitichaa Dooktar Booji’aa Makoonnan yuunvarsiitichi sababii weerara vaayrasii koroonaatin namoota harka qalleeyyii ta’an deeggaruuf guyyaatti daabboo fi biddeena kuma 10 raabsaa turuu ibsan.
 
Deeggarsi laatamu zayita nyaataa, daakuu, ruuzii fi meeshaalee qulqullinaa kan dabalatedha.
 
Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Lammii Guutaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qorannaa fi proojaktoonni addaddaa hojiirra jiraachuu ibsan.
 
Hawaasni yuunvarsiitichaa guyyaa har’aa biqiltuu dhaabera.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.