Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Jimmaa barattoota damee barnoota addaddaatin leenjisaa ture 3,135 ebbisiise

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) -Yuunvarsiitin Jimmaa barattoota damee barnoota addaddaatin leenjisaa ture 3,135 ebbisiise.
 
Ebbifamtoonni barnoota isaanii idilee, galgala, gannaa fi fagoodhan hordofaa turaniiru.
 
Ebbifamtoota keessaa 2440 digrii jalqabaa, 699 digrii 2ffaa, 8 digrii sadaffaa, 237 ogeeyyii yaala fayyaati(dooktaroota).
 
13 Soomalaee Laandii fi Ruwaandadhaa carraa barnootatiin barnoota isaanii hordofaa kan turanidha.
 
Ebbifamtoota keessaa 834 dubartoota.
 
Yuunvarsiitichi barattoota kuma 47 ol sagantaa barnoota addaddaatin simatee barsiisaa jira.
 
Muktaar Xahaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.