Fana: At a Speed of Life!

Zidaan Maachisteer Yuunaayitiid leenjisuuf fedhii hin qabu jedhe

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Maanchisteer Yuunaayitiid Zinaddiin Zidaan kilabicha akka leenjisuuf gaaffii dhiyeessuus, zidaan ammatti fedhii kan hin qabne ta’uu ibseera.
Maanchiisteer Yuunaayitid Sambataa darbe goolii 4 fi 1n Waatfordiin erga mo’amee booda, Olee Gunar Solshaayer hojiirraa gaggeesseera.
Leenjisaa duraanii Riyaal Maadrid kan ture Zidaaniif gaaffii dhiyeesseera.
Zidaan ammatti hojii malee taa’aa kan jiru ta’us, gara Ingiliiz imaluun Yuunaayitiid leenjisuuf fedhii hin qabu jedhe.
Maanchiisteer Yuunaayitiid taphoota torba booda kana taphate keessaa tokko qofa yoo injifatu kilabii Priimayeer Liigicha dursa jiru Cheelsirraa qabxii 12’n caallamee sadarkaa 7ffaarra argama.
Maayikil Kaarik yeroof kilabicha ni leenjisa jedhameera.
Lammiin Arjentiinaa leenjisaan yeroo ammaa PSG ‘Mauricio Pochettino’, leenjisaa Yuunaayitiid isa itt aanu ta’uu akka malu irra deddeebiin maqaansaa ka’aa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-BBC Sport
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.