Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Ameerikaa fi Taaliibaan kufaatii Afgaanistaan ariifachiiseera – Aanga’oota Ameerikaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Waliigalteen Ameerikaa fi Taaliibaan kufaatii Afgaanistaan kan ariifachiisuu Aanga’ootni Ameerikaa ibsan.
Taaliibaan Afgaanistaan to’achuu isaatiif bulchiinsa Traampii fi garicha gidduutti waliigaltee uumame kan bu’uureffate ta’uu aanga’oonni olaanoon Raayyaa Ittisaa Ameerikaa ibsaniiru.
Waliigalteen Doohaa Gurraandhala 2020 kan gaggeeffame yoo ta’u, waliigaltechaan Yeroo itti Ameerikaan loltoota ishee Afgaanistaanii baastu ibsamuu himameera.
Waliigaltechi mootummaa Afgaanistaanii fi loltoota irratti rakkoo fiduu isaa Jeneraal Firaank Maakekeenzii ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattii gama isaaniitiin, waliigaltechi Taaliibaan akka cimu taasisuu ibsaniiru.
Waliigalteen kun yeroo itti loltoonni Ameerikaa bahan daangessuurra darbee gareewwan shororkeessaa kanneen akka Alqaayidaa nageenya Ameerikaa fi deeggartoota ishee balaarra akka hin buusneef Taaliibaanirra dirqamaa kan kaa’e ta’uu ibsameera.
Preezdaant Joo Baayden erga filatamaniin booda karoora loltoota Ameerikaa Afgaanistaanii baasuu itti fufuu ibsameera.
Guyyaa loltoonni ba’an garuu Ji’a Caamsaa hanga Hagayyaatti kan dheerate ta’uu himameera.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.