Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Shaashamanneetti proojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 20 oliin hojjatame  eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti proojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 20 oliin ganda Faajii Goobaati hojjatame xumuramuun eebbifameera.

Proojektiin bishaanii kun walta’iinsa Mootummaa, hawaasaa fi dhaabbata AMREFtiin kan hojjatame ta’uu ibsameera.

Rakkoo hanqina bishaan dhugaatii furuuf xiyyeeffannoo kennameen Proojektii kanarra hawaasni gandoota 4 fayyadamuu akka danda’an Itti gaafatamaan waajjira Bishaanii fi Inaarjii aanaa Shaashamannee obbo Aliyyii Haajii ibsaniiru.

Proojektiin bishaanii kun yeroo bonaa rakkoon bishaan dhugaatii muudachuu danda’utti eebbifamuun isaa rakkoo muudachuu malu kan hanbisu ta’uu bulchaan Aanaa Shaashamannee obbo Muhammad Baatii eeraniiru.

Hawaasni aannichaa  proojektii kanaaf kunuunsa fi eegumsa barbaachisu gochuun irraa   fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.