Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Bariisaa boqotan

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – Proofeesar Maahdii Haamiid Muudee, Abbaan Gaazexaa Bariisaa, barreessaan Galmee Jechootaa Afaan Oromoo, Xalayaa Bariisaa, Walaloo Bariisaa boqatan.

Proofeesar Maahdii Haamiid Muudee, barsiisaan herreegaa fi fiiziiksii turan.

Biyya alaa jiraachaa kan turan yoo ta’u, dhibee onneetin lubbuun isaanii darbuu dhageenyerra.

Proofeesar Maahdi Haamiid Muude(Abbaa Bariisaa) iddoon dhaloota saanii magaalaa Ciroo ganda Madhichooti.

Proofeesar Maahdiin Gaazexaa Bariisaarratti gulalaa ol’aanaa ta’uun waggoota 17 tajaajilaniru.

Namoonni isaan wajjin hirmaachaa turan keessaa muraasni Lammeessaa Booruu, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii fi Immiruu Angoosee turan.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.