Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman miiliyoona darbeera

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban kuma 54 darbeera.
 
Amma ammaatti namoonni 1,026,974 vaayrasichaan yoo qabaman, 54,137 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni 218,771 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
 
Ameerikaatti namoonni 245,573, Speenitti 117,710, Xaaliyaanitti 115,242, Jarmanitti 85,063, Chaayinaatti 82,509, Iiraanitti 53,183, Briitaaniyaatti 34,192, Swiizarlaanditti 19,145, Tuurkitti 18,135, Beeljiyamitti namoonni 16,770 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Xaaliyaanitti namoonni 13,915, Speenitti 10,935, Faransaayitti 5,387, Iiraanitti 3,294, Chaayinaatti 3,203, Briitaaniyaatti 2,921, Ameerikaatti namoonni 1,562 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Chaayinaatti namoonni 76,760, Speenitti 30,513, Jarmanitti 22,440, Xaaliyaanitti 18,278, Iiraanitti 17,935, Faransaayitti 12,548, Ameerikaatti ammoo 9,228 dhibee vaayrasii koroonaarraa dandamataniiru.
 
Maddi; https://coronavirus.jhu.edu/map.html
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.