Fana: At a Speed of Life!

Addunyarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoon 31 caale

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) – Addunyarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 31 caaluu ibsame.
 
Erga weerarri vaayrasii koroonaa addunyarratti muul’atee namoota miiliyoona 31 fi kuma 42 fi 208 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 9 fi kuma 62 fi 418 darbeera.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoo Meetirs’ irraa argame muul’isutti namoonni miiliyoonni 22 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 48 fi 55 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoota miiliyoona 7 fi kuma dhibba 4 fi kuma 31 fi 735 vaayrasichi yeroo ammaa irratti argamu keessa namoonni kumni 61 fi 387 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Dhibeen kun Ameerikaatti qofa lubbuu namoota kuma dhibba 2 fi kuma 3 fi 851 galaafateera.
 
Braaziilittis namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 36 fi 565 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Afrikaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhiiba 4 fi kuma 7 fi 234 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 33 fi 905 darbeera.
 
Ityoophiyaatti gabaasa guyyaa har’a osoo hin dabalatin namoota kuma 68 fi 131 dhibichaan qabaman keessa lubbuun namoota kuma 1 fi 89 darbeera.
 
Kanaanis Ityoophiyaan Afrikaarraa 4ffaa, Addunyaarraa ammoo sadarkaa 49ffaarratti argamti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.