Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti hanga ammaatti qorannoowwan laabraatoorii vaayrasii koroonaa miiliyoonni 12 ol gaggeeffameera

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Afrikaatti hanga ammaatti qorannoowwan laabraatoorii vaayrasii koroonaa miiliyoonni 12 ol gaggeeffameera.
 
Qorannichi kan gaggeeffame Afrikaatti qorannaa bal’aa gaggeessuun barbaachisaa akka ta’e ega ibsameen booda.
 
Kana keessaa %10 irratti vaayrasiin koroonaa argameera.
 
Akka Jiddugala To’annaa fi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaatti aardichatti hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 3 ol vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban ammoo kuma 32 oli.
 
Namoonni miiliyoonni 1 ol dandamataniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan qabaman %81 biyyoota 10 keessaa ta’uu torbee darbe jiddugalichi beeksisuun isaa ni yaadatama.
 
Addunyaarratti sadarkaa 8ffaarra kan jirtu Afrikaan Kibbaa %22 kan qabattu yoo ta’u, Moorookoon %21, Ityoophiyaan %14, Liibiyaan %10, Aljeeriyaan %4, Keeniyaa, Naayjeeriyaa, Naamiibiyaa, Tuuniiziyaa fi Gibts %2 qabatu.
 
Maddi; CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.