Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Diinaan ibsi kaleessa laatan kallattiin hin taaneen hubatamuu beeksiisan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsi kaleessa laatan kallattiin hin taaneen hubatamuu beeksiisaniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa Kibxata kennaniin walqabatee, wantin waa’ee Eertiraa dubbadhe akka hin taanetti hubatame jedhaniiru.
Ambaasaaddar Diinaa ibsa kennaniin viidiyoon gabaabaa waa’ee Eertiraa itti dubbatan miidiyaalee hawaasummaa tokko tokko kallattii hin taaneen ibsaaniiru jedhan.
Lammiileen Eertiraa dubbichi kallattii hin taaneen hiikkamuu isaa akka beekan hubachiisaniiru.
Mootummaa Ityoophiyaas ta’ee Ministeerri Dhimma Alaa walabummaa Eertriraan akka biyyaatti qabduuf ejjennoo hin jijjiirramne qabu jedhan.
Anis akka dhuunfaa kootti Birmadummaa Eertiraa nan kabaja jechuun ibsaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan burjaajii uumameef dhiifama gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.