Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan damee fayyaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 20 taasiifte

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Ameerikaan miidhaa Covid -19 qaqqabsiisu dandamachiisuu fi sirna eeggumsa fayyaaf Ityoophiyaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 20 deeggaarsa taasiisuu ibsameera.
Giddugallii Ittisa Dhibee Ameerikaa (CDC) Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa waliin ta’uun dandeettii ittisa dhibee, kutaa yaalii, talaallii fi proojektoota tajaajila yaala balaa tasaa cimsan ifoomsaniiru.
Proojektoonni Doolaara miiliyoona 20 gaggeeffamu kun misooma humna namaa, yaala balaa tasaa cimsuu, sirna odeeffannoo yaalaa ammayyeessuu fi weerara Covid -19 ittisuuf kan oolan ta’uu ibsameera.
Sosochii talaallii Covid -19 sadarkaa biyyaa fi naannootti taasiifamaa jiru milkeessuuf kan oolu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Ameerikaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.