Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraana Iiraan irra kaa’ame akka dheeratuuf yaada murtoo dhiyeesite kufaa ta’e

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraana Iiraan irra kaa’ame akka dheeratuuf yaada murtoo dhiyeesite kufaa ta’e.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraana Iiraan irra kaa’ame akka dheeratuuf yaada murtoo dhiyeesite kufaa taasise.

Manni marichaa walga’ii taasiseen Waashingitaan Teehraan irratti waggoota 13 darbaniif qoqqobbii meeshaa waraanaa kaa’ame akka dheeratu yaada murtoo dhiyaate kuffiseera.

Doomiiniikaan Riipabiliik yaadaa murtoo Ameerikaa biyya deeggartee taateetti.

Raashiyaa fi Chaayinaan yaadicha hadheeffachuun mormaniiru.

Biriitaaniyaa, Jarmanii fi Faransaay dabalatee biyyoonni 11 sagalee hin laatne.

Maddi:- Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.