Fana: At a Speed of Life!

Atleet Abaabil Yashaanah walakkaa maaraatoonan riikardii addunyaa haaraa galmeessisteetti

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Atleet Abaabil Yashaanah walakkaa maaraatoonan riikardii addunyaa haaraa galmeessisteetti.

Emmireetota Arabaa Gamtooman, Raas Al Kaamaahitti dorgommii walakkaa maaraatoonaa gaggeeffameen Atleet Abaabil Yashaanah riikardii addunyaa haaraa galmeessisteetti.

Riikardii dorgommichaa cabsuudhaf 1:04:31 itti fudhateera.

Dorgommii bara Faranjootaa 2017 Ispeeyn Vaaleenshiyaatti gaggeeffameen riikardii Atleetiin Keeniyaa Jooysiiliin Jeebkoojiin galmeessistee turte, Atleet Abaabil sakandii 20n fooyyessiteetti.

Atleetonni Keeniyaa Briijiid Koosgii fi Roosmarii Waanjiruun dorgommicha sadarkaa 2ffaa fi 3ffaadhan xumuraniiru.

Dorgommii walakkaa maaraatoonaa dhiirotaatin Atleetonni Keeniyaa Kiibiwoot Kaandeen sadarkaa 1ffaa, Aleeksaandar Muutisoon sadarkaa 2ffaa, Atleet Mulee Waasihuun Ityoophiyaadhaa sadarkaa 3ffaa ba’eera.

Dorgommiin Raas Al Kaamaah waggaa waggaadhan gaggeeffamu barana si’a 14ffaaf adeemsifameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.