Fana: At a Speed of Life!

Atleet Gudaaf Tsaggaay sa’aatii fooyya’aa galmeessisuun fiigicha Meetira kuma 10 injifatte

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Atleet Gudaaf Tsaggaay dorgommii ishee jalqabaa meetira kuma 10niin sa’aatii fooyya’aa galmeessisuun injifatteerti.
Fiigicha meetira kuma 10 dubartootaa gidduutti Puurchugaaliitti gaggeeffameen Atleet Gudaaf Tsaggaay hirmaannaa ishee jalqabaan daqiiqaa 29 fi seekondii 39 fi maayikiroo seekondii 42n sa’aatii fooyya’aa galmeessisuun injifatteerti.
Sa’aatiin fageenyicha ittiin injfattee sa’aatii Almaaz Ayyaanaan Olompikii Riyootti bara 2016 galmeessiteetti aanee sa’aatii fooyya’aa Ityoophiyaa 2ffaa ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.