Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Gadaa yaa’ii hundeeffama isaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Baankiin Gadaa yaa’ii hundeeffama isaa Hoteela Iskaayilaayiititti gaggeessaa jira.

Yaa’iicharratti Preezdaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, hoggontoota mootummaa federaalaa fi naannoo, abbootii gadaa, abbootiin aksiyoona baankii gadaa dabalate, bakka butoonni abbootii aksiyoona Gadaa argamaniiru.

Baankiin gadaa Kappitaalaa kaffalamee Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 50 kan qabu yoo ta’uu, maallaqaa waada seenameef Birri biiliyoona 1.3 qaba jedhameera.

Baankichi qabeenya hawasummaa fi uumamaa akka bu’uura tajaajila baankichatti kan fayyadamu ta’uu eerameera.

Hundeeffama baankicha irratti qaamolee waamichi taasifamef dabalate abbootii aksiyoona baankicha 500 hirmaataa jiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.