Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa bosona Awustiraaliyaatti mudateen lubbuun namoota 18 darbe

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Balaa ibiddaa bosona Awustiraaliyaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 18 irra yoo ga’u manneen kumni 1 fi 300 barbadaa’uu Muummeen Ministiraa biyyaatti beeksisan.

Ibiddi kun guyyaa har’aa qofa iddoo 200 olitti qabatee jira.

Bosonni lafa hektaara miiliyoona 5 irra jiru gubachuu fi  balaa cimaan biyyattii mudachuu Muummeen Ministiraa biyyattii Iskoot Mooriisoon himaniiru.

Lubbuun namoota 18 darbuu fi manneen jireenyaa kumni 1 fi 300 ol barbadaa’uu ibsaniiru.

Balaan kun ji’oota hedduuf itti fufuu akka danda’us eeraniiru.

Aarri bosonaa ka’u qilleensa faalaa jiraachuu fi fageenya  kiiloo meetira kuma 2 irratti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru himaniiru.

Keessattuu jiraattoonni dhiyeenya irratti argaman aarichaan miidhaamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsa Kibba Weelsii fi Viiktooriyaatti Turistoonni kumni 3 fi jiraattoonni kumni 1 ibiddaan marfamanii akka jiran Ministirri Geejjibaa biyyattii Andireew Koonsitaansi dubbataniiru.

Balaan kun bulchiinsa lameeniitti daraan hammaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Poolisoonni, tola ooltoonni fi Hojjettoonni Tajaajila Ittisa Too’annoo Balaa Ibiddaa miidhaa ga’u hir’isuuf hojjechaa jiraachuu himameera.

Maddi:-Aljeeziiraa

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.