Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa aanaa Cooraatti qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Balaa tiraafikaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Cooraatti qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe.

Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan divizniinii tiraafiikaa Itti aanaan Inspeektaraa Bahaayiluu Gazzahaany baajaajii fi konkoolatan minibaasiin walitti bu’uun lubbuun namoota 5 darbuu himaniiru.

Baajaajin magaalaa Qumbaabeerraa gara kallattii Laga Gabaatti osoo imalaa jiru konkolaataa minibaasi waliin walitti bu’uun lubboota namoota 5 darbeera.

Ka’umsi baliicha qoratamaa jiraachu qajeelchi Poolisii Godinichaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.