Fana: At a Speed of Life!

Braaziilitti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota darbe kuma 100 qaqqabee

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) – Braaziilitti sababa weerara vaayrasii koroonaatin  lubbuun namoota kuma 100 darbeera.

Lakkoofsichis  Ameerikaatti aanee isa lammaffaadha jedhameera.

Biyyattitti vaayrasichi baatiwwan 3 keessatti namoota 50,000 kan ajjeessee yoo ta’u, guyyoota 50 booda garuu lakkoofsichi dachaa lamaan dabaleera.

Biyyattii keessatti namoonni miiliyoonni 3 ta’an vaayrasichaan qabamaniiru
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa jiraatus suuqonnii fi manneen nyaataa irra deebiin banamaa jiru.

Preezdaantiin Braaziil Jaay Boolseenaroo Covid-19 “qufaa xiqqaadha” jechuusaaniif biyya keessaafi alarraa qeeqamaa turan.

Jaay Boolseenaroo ofiifuu vaayrasii koroonaan kan qabamanii turan yoo ta’u, amma garuu vaayrasicharraa dandamataniiru.

Lakkoofsi qabatamaan lafa jiru garuu sababa hanqinna qorachuutiin malee kana caala jedhameera.
Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.