Fana: At a Speed of Life!

Buna dhuguun ulfaatina qaama ni hir’isa- Qoranno

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Guyyaatti buna siinii afur dhuguun ulfaatina qaama hir’isuuf akka gargaaruu qorannoon takka ibseera.

Guyyaatti buna siinii afur dhuguun cooma qaama keessatti argamu akka hir’isu qorannichi ifoomsera.

Qorannichii namoota ulfaatina qaama olaanaa qaban 126 baatiiwwan ja’aaf  hordoffii taasisaa ture.

Baatii ja’aaf guyyaatti buna siinii afur namoonnii dhugaan coomni qaama isaanii keessatti argamu %4 hir’achuu danda’eera.

Kaafeeniin buna keessaatti argamu sirna buullaa’insa nyaataa saffisiisuun coomni qaama keessatti argaman akka hir’atuu ta’eera.

Qorattoonni kun argannoo isaanii mirkaneessuf qorannoon dabalataa akka isaan barbachisuu himaniiru.

Yuunivarsiitii Teeknikaa Daalaasitti argamu muummee barnoota fayyaa nyaataatti gargaaraa Proofeseraa fi Daayirektera sagantaa kan ta’an Saansaan gama isaaniin, bunni ulfaatinaa qaamaa fi coomaa kan hir’isu ta’uu himaniiru.

 

Maddi:-YTI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.