Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraaleen misoomaa Dirree Dhawaatti ijaarama jiran saffisaan xumuramuun tajaajilaaf qaqqabuu qabu jedhame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Bu’uuraaleen misooma Dirree Dhawaatti ijaramaa jiran saffisaan xumuramuun tajaajila akka kennaniif bulchiinsi magaalicha xiyyeeffanoon hojjechuu akka qabu Ministeerri Bu’uuraalee Misoomaa fi Magaaloota beeksiseera.

Magaalichatti bu’uuraaleen misoomaa deeggarsa Baankii Addunyaa fi bajataa mootummaan ijaarama jiran saffisaan xumuramuun hawaasaaf tajaajila kennuu akka qaban eerameera.

Bulchiinsi magaalicha gama isaatiin piroojektonni kunneen hanga dhuma baatii Waxabajjiitti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

Jilli Ministira Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Magaaloota Addee Caaltuu Saaniin durfamu piroojeektiwwaan magaalicha keessattii hojjetama jiran dawwachuu TOI gabaaseera..

Aaddee Caaltuu Saanii daawwanicharratti, piroojektonni kunneen liiqii Baankii Addunyaarraa argamee fi bajata Mootummaan ijaramaa jiraachuu eeruun, hojiilee amma ammatti hojjetaman kan jajjabeeffamu ta’uu fi yeroo qabameefitti xumuramuun tajaajilaaf qaqqabsiisuun barbachisaadha jedhaniiru.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.