Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Sababa vaayrasii koroonaan  namni tokkollee osoo hin du’iin ooluu gabaafte

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Chaayinaan Sababa vaayrasii koroonaan  namni tokkollee osoo hin du’iin ooluu gabaafte.

Guyyaa darbe sababa vaayrasii koroonaan  namni tokkollee osoo hin du’iin ooluu Chaayinaan gabaafte, kun erga weerarri vaayrasichaa mudate as yeroo jalqabafi.

Guyyoota muraasa darban namoota muraasas ta’u namootni dhibee COVID19’n du’aa turan.

Biyyattiin yeroo duraaf osoo namni na jalaa hin du’iin oole haa jettu malee ragaa Chaayinaan dhimma vaayrasii koroonaa  irratti addunyaaf kennitu irratti gaaffii hedduutu ka’a.

Oduun dansaa kun wayita magaalaan weerarri vaayrasicha keessatti eegale Wuhaan uggura sochii laafisuuf qophaa’aa jirtutti dhagaa’ame.

Wayita Ameerikaan lakkoofsa namoota du’anii 10,000 olii waliin vaayrasichaan wal’aansoo hamaa keessa jirtutti Chaayinaan vaayrasicha injifachuun aanga’oota biyyattiif oduu aagaati.

Torbanoota darban Chaayinaan biyyoota Afrikaa fi Awurooppaa vaayrasichaan lolaa jiraniif deeggarsa gochaa turte

Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayrasichaan qabamaa jiraniis daran xiqqaachaa jira.

Wiixata kaleessaa namoota 32 qofatu vaayrasichaan qabame, hundi isaaniituu warraa biyya biraa irraa garas dhaqanidha jetti Chaayinaan.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.