Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsi seeraan alaa dawaalee dhibeewwan weeraroo ittisuuf gufuu ta’eera-BFO

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)-Oromiyaatti daddabarsi seeraan alaa dawaalee, dhibeewwan bifa weeraraan Naannoo Oromiyaatti mudatan ittisuuf gufuu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi ittisa daddabarsa seeraan alaa dawaalee ilaalchisee qaamoolee haqaa waliin qindoominaan hojjechuun haala danda’amurratti marii Paanaalii Magaalaa Jimmaatti gaggeesseera.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabawuu akka jedhanitti dhibeewwan bifa weeraraan mudatan kanneen akka Busaa ittisuuf mootummaan dawaa dhiiheesaa jira.

Ta’us, fuuncaa dhiyeessii dawaalee keessa daldaltootni seeraan alaa harka galfachuun hojiilee ittisaa dhibeewwan weeraroo ittisuuf karoorri qabame akka gufatu taasisaniiru jedhan.

Oromiyaatti aanaaleen 310 dhibee busaaf saaxilamoo ta’uun eerameera.

Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.