Fana: At a Speed of Life!

Dargaggeessi tapha Waancaa Addunyaa ilaaluuf hirriba dhabe qaamni isaa laamsha’e

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)-Dargaggeessi torban tokkoof tapha Waancaa Addunya ilaaluuf hirriba dhabe qaamni isaa laamsha’uun ibsame.

Kaawoo’n dargaggeessa umrii 26 yoo ta’u, Chaayina Bulchiinsaa Huubee keessaa deeggaraa Garee Kubbaa Miilaa Chaayinaati.

Daraggeessi kunis, gareen Kubbaa Miilaa Chaayinaa tapha
Waancichaaf darbuu baattullee torban tokkoof taphoota Waancaa Addunyaa ilaaluuf hirriba dhabeera.

Boodarras sababa hanqina hirribaatiin rakkoon laamsha’uu faaraa (facial paralysis) mudateenii hospitaala seeneera.

Dargaggeessi Kaawoo hidhiin isaa gara cinaatti harkifamuu, libsattuun ijaa isaallee libsachuu akka didan eera.

Kaawoon, guyyoota muraasaan dura fayyaalessa turus, sababa hanqina hirribaattiin miirri dhukkubaa itti dhagaa’amuu boodarra kan hubate.

Tapha waancaa addunyaa hordofaa turee, sa’aatiiwwan lamaaf rafee oggaa ka’uu miirri dadhabbii akka itti dhaga’ame eera.

Wanti mudateen isaaf keessummaa ta’us, haala isaa kanaatti utuu hinqabamiin gara hojii deemuus, fooyya’uu akka hindandeenyee fi hojii isaarratti dhiibbaa uumuu dubbate.

Haalli kun faara isaa mudateenii akka hinbeekne dubbachuun, boodarraa hojii isaatti danqaa ta’uun hospitaala seeneera.

Haaluma kanaan Kaawoon, laamsha’uun faaraa akka mudatee fi rakkoo kanaarraa fayyuuf wal’aansa jala jiraachuun ibsame.

Ogeeyyiin fayya isaa akka jedhanitti, sababa hanqina hirribaa, haala qilleensaa qorraa fi hafuura baafannaa cimaan, laamsa’uuf kan nama saaxiluu akka ta’e; jaalattoonni kubbaa miilaas muuxannoo Kaawoo akka hinhordofne gorsuu Oddity Central gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.