Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa giddugala leenjii ogeeyyii yaala balaa tasaa Finfinneetti bane

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa giddugala leenjii ogeeyyii yaalaa miidhaa tasaa naannicha tajaajilu danda’u magaalaa Finfinneetti banuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Giddugalli Leenjii ogeeyyii yaala balaa tasaa Magaalaa Finfinnee Hospitaala Fiildiiti ijaarrame bakka Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayreektarri Afrikaa Maatiishoo Mootiin argamanitti eebbifameera.
Giddugalichi hojii eegaluun isaa hojiin yaala dhibee tasaa beekkumsaan caalmaatti akka hogganamuuf ni tajaajila jedhan Dooktar Liyaan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa giddugalicha Ityoophiyaatti banuu isaa galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.