Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ilaalchisuun biyyoota Awrooppaa akeekkachiise

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) –Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ilaalchisuun biyyoota Awrooppaa akeekkachiise.
Dhaabbatichi guutummaa biyyoota Awrooppaatti lakkoofsa namoota vaayrasichaan qabamanii galmaa’aa jiruun dammaquu qabuu jedheera.
Dhaabbata Fayyaa addunyaatti daayrekatarri naannichaa haasaa Kooppanhanaganitti taasisaaniin torbee lamaan darbaan keessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii walakkaadha ol kan ta’an biyyoota Awrooppatti dachaan guddateera jedhan.
Kanaanis, torbee darbe qofaa namoonni haaraan kuma 300 guutummaa Awroopparraa gabaasa kan ta’e yoo ta’u, gabaasa torbanii baatii Bitootessaa kan galmaa’e lakkoofsa olaanaa caaleera.
Kanaan walqabatee fulduraatti haala ulfaataan tattamsa’aa soda jedhu himaniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ragaa kana bu’uura godhachuun weerarrichi erga uumamee eegalee guutummaa Awrooppaatti namoonni miiliyoona 5 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kuma 200 fi kuma 28 lubbuun darbaniiru.
Maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.