Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni USAID deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 6.4tti tilmamamu naannoo Oromiyaaf laate 

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Dhaabbanni USAID deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 6.4tti tilmamamu naannoo Oromiyaaf laateera.

Dhaabbanni kun deeggarsa meeshaalee daa’imman yeroo malee dhalatanii fi rakkoo qabaniif oo’a kan kennu, daa’imman arganuu irratti rakkataniif oksijiinii fi meeshaa hanga oksijiinii qaama keessaa safaru laateera.

Deeggarsichi waliigalatti Birrii miiliyoona 2.7 kan bitamanii fi meeshaalee ittisa “COVID-19”f gargaaran kan qarshii miiliyoona 3.7 bitamaan arjoomuu isaa sagantaa wal harkaa fuudhinsa meeshaalee deeggarsichaarratti hoogganaan dhaabbatichaa Dooktar Abarraa Raffisaa ibsaniiru.

Biiroo fayyaa Oromiyaatiif dhaabbanni kun yeroo garaagaraa deeggarsa gurguddaa taasisuun hoogganaan biiroo fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan himuusanii ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarra argamee ni muul’dhsa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.