Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee Fayyaa idil addunyaa Afrkaatti dhibee Sombaa ittisuuf deeggarsa taasisan akka cimsan gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan Dhaabbileen Fayyaa idil addunyaa fi deeggartoonni dhibee Sombaa ittisuurratti fooya’insa caaluu fiduuf deeggrsa biyyoota Afrikaaf taasisaan cimsanii akka itti fufan gaaffatte.

Walga’iin naannaawwaa Afrikaa dhibee Sombaa ilaalchisee qophaa’e Taanzaaniyaa Arushaatti gaggeeffama jira.

Jilli MinistirDeetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugamaan durfamu walga’icharratti hirmaachaa jira.

Walga’ichaan Karoora Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara Faranjootaa 2030 dhibeea Sombaa balleessuuf kaawwate milkeessuuf hojiilee hojjtamanirratti mari’atamuu himameera.

Ministirri Deetaa ministira Fayyaa dokta Darajjee Dhugumaa Ityoophiyaan dhibee Sombaa ittisuufi to’achuuf hojii hojjeteen bu’aa jajjabeessaa galmeessuu eeraniiru.

Ityoophiyaan dhibee Sombaa ittisuun jijjiramoota milkaa’oo ta’an argatte sababa deeggarsi faayinaanisii xiqqaateen rakkoon cimaa mudachuu eeraniiru.

Itoophiyaan bara 2030tti dhibee sombaa balleessuuf galma kaa’amee milkeessuuf kutannoo cimaan kan hojjettu ta’uu Dooktar Darajjeen himuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.