Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen amantaa vaayrasicha ittisuuf tarkaanfii fudhataniif Injiinar Taakkalaan galateeffatan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Dhaabbileen amantaa sirnoonni manneen amantaatti gaggeeffamu akka dhaabbatu taasisuu isaanii, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan galateeffatan.
 
Dabalataan galmootaa fi iddoowwan qaban weeraricha ittisuuf mootummaan akka itti tajajailamu eeyyamuu isaanitiif Injiinar Taakkalaan galateeffataniiru.
 
Itti aanaan kantiibichaa abbootii amantaa waliin mari’ataniiru.
 
Vaayrasicha ittisuuf hawaasnii fi hordoftoonni amantaalee mana isaanitii kadhannaa akka taasisan, hojii hojjetan akka cimsan gaafataniiru.
 
Abbootiin amantaa kanneen yeroo itti aanutti sirna kadhannaa Waaqaa waloo kan labsan ta’uu fi mootummaan akka isaan cinaa dhaabbatu gaafataniiru.
 
Hordoftoonni amantaalee manneen isaanii taa’anii tajaajila amantaa akka hordofan gaafatameera.
 
Booru Jimaataa eegalee solaata Jum’aa dabalatee sirnoonni amantaa Addiis TVn kan darban ta’a.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.