Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Gifiraa fi Tooftaalee Ittisaa

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Gifirri dhibee daddarbaa vaayireesiidhan dhufudha.

Dhibeen kun nama kamiyyuu kan miidhu ta’ee, caalmattii garuu daa’imman irratti heddumata.

Mallattoolee Dhukkuba Gifiraa

• Hoo’ina qaamaa , Qufaa/Ukaa

• Dhukkubbii ijaa/diimachuu ijaa, Dhangala’aan funyaaniin ba’uu

• Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu
Rakkoo fayyaa wal xaxaa dhukkuba kanaan walqbatee dhufan

• Duudummaa, jaamummaa, of wallaaluu, miidhama sammuu,

rakkoo afuura baafannaa, garaa kaasaa yeroo dheeraa fi madaa’uu afaanii fa’aadha.

Karaalee Gifirri Ittiin Daddarbu

• Kallattiin dhukkubsataan yeroo qufa’u, dubbatu fi haxxiffatu

• Tuttuqqii nama dhukkubsate fi meeshaalee inni fayyadame irraan

• Qilleensaan vaayireesichi gara nama fayyaatti darbuu danda’a

Tooftaalee ittisa dhukkubichaa

• Talaallii farra Gifiraa marsaa lamaan ji’a 9 fi15 tti fudhachuu

• Vaayitamin A fudhachuu , Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu

• Tuttuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi

• Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhaabbata
fayyaa geessuun maloota ittisa isaa ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.