Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen Covid -19 sadarkaa yaaddoo ta’uun isaa xumuramus ammas of eeggannoo barbaada jedhame

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Dhibeen Covid -19 sadarkaa yaaddoo ta’uun isaa xumuramus ammas of eeggannoo kan barbaadu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ammallee addunyaarratti namoonni miiliyoonaan lakkaawwaman dhibichan qabamaa fi du’aa jiraachuu ibseera.

Gosti dhibichaa haaraa mudachuu danda’a sodaan jedhu jiraachuu yaadachiiseera.

Dhibichi bara Faranjootaa 2020 baatii Amajjii 30 Sodaa Fayyaa Addunyaa ta’uu hordofee akka biyyatti waggoota sadan darbaniif weeraricha ittisuuf mootummaa, dhaabbileen deeggartootaa, qooda fudhattoonnii fi kutaalee hawaasaa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.

Ityoophiyaan tattaaffii tatamsa’ina Covid-19 ittisuuf taasiftuun taatewwan haaraa mudachuu danda’aniif tarsiimoo qophii fi dandeettii deebii kennuu dagaagsuu kan itti fuftu ta’uu ministirichi beeksiseera.

Waggoota sadan darban dandeettii fi muxxannoon Covid -19 ittisuu fi to’achuurratti argame itti fufsiisuun rakkoolee fayyaa gara fulduraatti mudachuu danda’an dandamachuuf hojiin muuxannoo dagaagsuu kan hojjetamu ta’uu eereera.

Talaalliin Covid-19 sagantaa talaallii idilee waliin walitti makamuun , hojiin deebii laachuu Covid-19 sagantaalee fayyaa idilee waliinis qindoomina kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Hojiin galteewwan yaala fayyaa biyya keessatti oomishuu eegalame cimee kan itti fufu fi hojiin hirmaannaa fi hubannoo hawaasaa uumuu itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.