Fana: At a Speed of Life!

Dhoo’iinsa voolkaanoo Filippiinsitti mudateen jiraattonni hedduun buqaatiif saaxilaman

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Dhoo’iinsa voolkaanoo Filippiins dhiyeenya magaalaa Maaniilaatti mudateen jiraattonni hedduun qa’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun ibsame.

Voolkaanoon Taal jedhamu laavaa hoo’aa diimaa ta’e samii keessatti ol facaasaa jiruun lammiileen biyyattii soda hammaataa keessa galaniiru.

Dhoo’iinsi voolkaanoo kun kiloo meetira 65 samii keessatti ol fagaachuun kaaba biyyatti hurriin uwwiseera jedhame.

Sababa kanaan buufanni xiyyaaraa biyyattii balalii 500 ol haquu fi yeroof hojii dhaabuu isaa beeksiseera.

Hanga ammaatti miidhaan lubbuu fi qabeenyarra ga’e hin beekkamne jedhameera.

Dhukkeen voolkaanoo kana irra ka’u naannicha haalan gurraachessuu isaa poolisiin biyyattii ifoomsee jira.

Eejansiin ittisaa fi sodaa balaa fi waajjiraaleen mootummaa Filippiins hanga ammaatti namoonni kumni 30 qa’ee isaanii irraa buqqa’uu gabaasaniiru.

Filippiins irra deddeebiin balaa uumamaatin miidhamaa jirti.

Keessattuu balaa kirkira lafaa, sigiga lafaa, dhoo’iinsa voolkaanoo fi rooba bubbee makeen addunyaarraa biyya sadarkaa duraatti miidhamaa jirtudha.

Kanaanis lammiileen biyyattii kumaatamni lubbuu isaanii dhabaniiru.

Maddi:-Aljeeziiraa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.