Fana: At a Speed of Life!

Didiyeer Diroogbaan Ambaasaaddaara Dhaabbata Fayyaa addunyaa damee Ispoortii ta’uun muudame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) –Taphataan kubbaa miilaa Cheelsii duraanii lammiin Kootidivaaher Didiyeer Diroogbaan Ambaasaaddaara Dhaabbata Fayyaa addunyaa damee Ispoortii ta’uun muudameera.

Diroogban filatamuun dargaggoonni sochii ispoortii akka jajjabeessaniifi faayidaa ispoortiin fayyaaf qabu hubachiisuuf ni gargaara jedhame.

Bara Faranjootaa 2006 fi 2009 taphataa cimaa Afrikaa jedhamuun kan badhaafame Diroogbaan, biyyaasaaf goolii hedduu galchuun ammallee abbaa riikardii Kootidivaaher.

Kubbaa miilaan alattis duulaawwaan kanneen akka ittisa busaa, HIV/AIDS fi kanneen biroorratti hirmaachuun hawaasni fayyummasaa akka eegatuuf hojjiiwwaan ciccimoo hojjachaa tureera.

Dirogbaan itti gaafatamummaa kana fudhachuusaatiin akka gammadeefi hojii boonsaa hojjatu himeera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fayyaa hawaasaa kana eeguuf Doolara Ameerikaa biiliyoona 54 ol ramaduu ‘Goal.Com’ gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.