Fana: At a Speed of Life!

Diillaatti Xannachi kiiloo Giraamni 26 Garaa dubartii tokkoo keessa yaalan ba’e

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Magaalaa Diillaa Hospitaala Salaamitti Garaa dubartii tokkoo keessaa Xannachi kiiloo giraama 26 ulfaatu yaala baqaqsanii yaaluun ba’uu oggeeyyiin yaalaa hospitaalichaa ibsan.

Dubartiin umrii waggaa 40 garaan bokokuun yaalaaf gara Hospitaalichaa dhufte tokko yaala baqaqsanii yaaluu taasiifameen xannachi kiiloo giraamni 26 garaa keessaa ba’uu ogeessi baqaqsanii yaaluu Dooktar Geetaachaw Margaan ibsaniiru.

Wayita qorannoon taasiifmuuf xannachichi gadaameessaa eegalee hanga garaa uwwisuu isaa mirkanaa’uun yaalli baqaqsanii yaaluu taasiifamuufi Dooktar Geetaachaw ibsaniiru.

Hojiin baqaqsanii yaaluu kun daqiiqaa 30 kan fudhate ture kan jedhan ogeessichi, haati yaalli taasiifameef yeroo ammaa haala gaariirratti argamu jedhan.

Dubartiin yaalli taasiifameef jiraattuu Godina Gujii Lixaa aanaa Haanbaallaa Waamaanaa ganda Gooroo Badhaasaa ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.