Fana: At a Speed of Life!

Dirre Dawaatti Giddugalli Wal’aansa Balaa Tasaa Birrii miiliyoona 15 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Magaalaa Dirre Dawaatti Giddugalli Wal’aansa Balaa Tasaa Birrii miiliyoona 15 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajila kennuu eegale.

Giddugalichi bakka Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Ministirri Mallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Kantiibaan Magaala Dirre Dawaa Obbo Kadiir Juhaar fi kanneen biroo argamanitti guyyaa har’aa eebbifameera.

Kantiibaan Kadiir Juhaar giddugallichi gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa kan deebisuudha jedhan.

Hojiilee misoomaa biroon cinatti dhimma fayyaa hawaasaa irratti xiyyeeffannoon hojjataamaa jiras jedhan.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa gama isaaniin, yeroo ammaa balaawwaan uumamaa fi namtolchee akkasuma weerara dhibeewwaan tasaa babal’ataa jiraachuu eeruun, keessumaa Baha biyyattiitti balaawwan tasaa uumaman yeroo gara yerootti kan dabalaa jiran waan ta’eef giddugalli kun furmaata waaraa ta’uu danda’a jedhan.

Akka biyyaatti tajaajilli giddugala wal’aansa balaa tasaa waggoota sadiin dura eegale magaalota 8 keessatti tajaajila kennaa jiraachuu kaasanii, fuuldurattis tajaajila kana babal’isuuf hojjatamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen himaniiruu.

Ministirri Ministeera Mallaqaa Obbo Ahmad Shidee Biyya diinagdeen badhaate ijaaruuf hawaasa fayyalessa horachuun murteessa ta’uu eeruun, pirojektoota damee fayyaan akka biyyaatti itti fufiinsaan deeggarsi akka tasifamu himaniiru.

Giddugalli wal’aansa balaa tasaa Hospitaala Ityoo-Faransaay keessatti tajaajila kennuu eegale kun hawaasa magaalaa Dirre Dawaa dabalatee Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee kan tajaajilu ta’uun himameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.