Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dhawaatti Wajabajjii 2 eegalee talaalliin Vaayiraasii koronaa marsaa 3ffaan ni kennama

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti Waxabajjii 2, 2014 eegalee talaalliin weerara vaayirasii koroonaa marsaa 3ffaan akka kennamu Biiroon Fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksiseera.
Bulchiinsa magaalichaatti, weerara dhibechaa ittisuuf hanga ammaatti hojiilee ittisaa hojjetameen, tatamsa’inni dhibechaa fi lakkoofsi dhibamtootaa du’aa fi dhukkubbii cimaaf saaxilamanii hir’achuun himameera.
Bulchiinsa Magaala Dirree Dhawaatti Bitootessa 2013 eegalee marsaa lamaan talaalliin vaayirasichaa jiraattota kuma dhibbaa 1 fi kuma 80 kennameera.
Marsaa 3ffaanis Waxabajjii 2-11, 2014 kan kennamuu fi jiraattota kuma 95 ol talaaluuf karoorfamuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Fayyaa Magaalichaa Aadde Lemlem Bezzaabbii himaniiru.
Haaluma kanaaan dhaabbileen kenniinsaa tajaajilaa hojjettoota isaanii talaalchisuu akka qabanii fi jiraattonni umriin isaanii waggaa 12 ol ta’e dhaabbilee fayyaa magaalaa fi baadiyyaatti akka taalaalaman ibsaniiru.
Milkaa’ina duula talaallii kanaaf qaamoleen hundinuu gahee isaanii akka bahataan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan dhimmoota kominikeeshinii magaalichaa irraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.