Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Maqdaas Dhaabaan Daayrektara “CIFF “waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdaas Dhaabaan Jila Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii (CIEF ) Dooktar Darrib Kaasaayee waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Faawundeeshinichi piroojektiwwan Itiyoophiyaatti hojiirra oolchaa jiruu fi hojiilee Ministeera Fayyaa waliin hojjechaa jirurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii pirojektii dhibeewwan jijjiirama qabeenya qilleensaan tatamasa’aa jiran kanneen akka Busaa to’achuuf tumsu eegaluun isaa hojii gaarii ta’uu Dooktar Maqdaas dubbataniiru.

Akkasumas marii isaanin “Piroojektii Raayiz Up“ guddisuun, pirojektii dhibeewwan daddarboo hintaanee, pirojektii “Bishaan Hundaaf” jedhaman qindoominaan akkaataa hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Fayyarraa aragme ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.