Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii atleetiksii Sanbataa fi Dilbata darbe gaggeeffameen atleetoonni Ityoophiyaa injifataniiru

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Dorgommii Atleetiksii Sanbataa fi Dilbata darbe Finfinnee dabalatee biyyoota garaagaraatti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa Injifataniiru.

Fiigicha Walakkaa maaraatoonii Neezarlaanditti gaggeffameen Atleet Tsahaay Gammachuu sa’aatii 1:20:19 sadarkaa 1faan yoo xumurtu, Atleet Taaddalachi Baqqalaa sa’aatii 1:23:00 3ffaan xumurteerti.

Fiigicha qaxxaamura biyyaa fageenya meetira kuma 10 Ispeen Eelgoobaariitti gaggeeffameen ammoo dhiirootaan Atleet Taaddasaa Warquu daqiiqaa 31:39 1ffaa, Atleet Milkeessaa Mangashaa sadarkaa 5ffaan xumuree jira.

Dorgommii Atleetiksii qaxxaamura biyyaa meetira kuma 10 Magaalaa Finfinneetti guyyaa Sanbataa gaggeeffamaan, dhiiraan Atleet Kaasayee Atsabhaa 1ffaa, Yaasiin Hajii 2ffaa, Haymaanoota Alamuu 3ffaa, Dabbabaa Takkaa 4ffaa bahuun yoo injifatan, Dubartootaan Atleet Hawwii Alamuu 1ffaa, Atleet Birtukaan Faantee 2ffaa, Siifayyaa Shamsuu 3ffaa, akkasumasa Shaashoo Hoonaw 4ffaan xumuruu isaanii ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa argame ni agarsiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.